3 Hagayya 2023
Sa'aatiin hirribaa guyyaa hojiifi boqonnaa irratti qabnu baakteeriyaa garaa keenyaa irratti jijjiirama fayyaalessa hin taane fida jedhe qorannoon.
Kunis namoota 'social jetlag' jedhaman yeroo baayyee Jimaataa fi Sambatarra hirriba gahaa otoo hin argatiin hafanii, guyyoota itti aananitti bakka buufachuuf sa'aatii dheeraa rafan irratti mul'ata jedhe qorannoon UK'tti hojjetame.
Hirribni akka malee jeeqame keessumaa namoonni hojii dabareen dalagamu qaban irratti dhiibbaa qaba jedha.
Sa'aatii itti ka'aniifi rafan wal-fakkaataa qabaachuuf nyaata madaalawaa soorachuun dhukkuba kanaaf saaxilamuu keenya ni hir'isa.
Kiings Kooleej, kan Landanitti argamu qorannoo namoota 1,000tti siqan irratti taasiseen saayintistoonni sa'aatii hirriba halkanii irratti garaagarummaan daqiiqaa 90 yoo jiraate baakteeriyaa garaa irratti dhiibbaa fida.
Garaa keenya keessatti baakteeriyaa gosa garaagaraa qabaachuun barbaachisaa dha.
Baakteeriyaan gariin ammoo warra kaanirraa barbaachisoo tahanillee hamma baakteeriyaa madaalawaa tahe qabaachuun dhukkuba adda addaa nurraa ittisa.
''Guyyoota muraasaaf hirriba gahaa otoo hin argatiin isa bakka buusuuf sa'aatii dheeraa rafuun fayyaaf gaarii miti,'' jedhan barreessituufi ogeettiin soorata fayyaa-qabeessaa dhaabbata Zoowii, Keet Berminghaam.
Torbee keessatti Sambattan irraafi guyyoota torbee irra sa'aatii garaagaraarra ka'uufi rafuun social jetlag jedhama.
Haali kuni namoota UK keessa jiraatan harka 40 tahan irratti kan mul'atu yoo tahu dargaggoota irratti immoo hammaataadha jedha qorannichi.
Kanneen qorannoo kana irratti hirmaatan hirribaa fi dhiigni isaanii xiinxalameera. Saamuudni bobbaa fi waan nyaatanii hundi fudhatameera.
Warreen haala hirribaa jeeqamaa tahe qaban harki 16 nyaata madaalawaa hin taane, waaddii dinnichaa, dhugaatii sukkaara qabuu fi kuduraafi muduraa fayyadamu.
Namoonni akkasii warra sa'aatii wal-fakkaataatti rafanirra nyaata of keessaa qaccee qabuufi fayyaa keenyaaf barbaachisaa tahe xiqqoo sooratu.
Kunimmoo ulfaatinni qaamaa dabaluu, dhukkubbii fi dadhabbii sammuu itti fida.
''Sa'aatii hirribaa jeeqamaa namoonni qaban nyaata baay'inaan sukkaara qabu sooratu,'' jedhu Dr Bermingihaam.
Nyaati madaalawaa hin taane ammoo hamma baakteeriyaa garaa keessa jiru irratti dhiibbaa fida.
Qorattoonni akka jedhanitti gosti baakteeriyaa ja'a baay'inaan garaacha namoota yeroo hirribaa jeeqamaa qaban keessatti argamu.
Isaaniis nyaata madaalawaa argachuu dhabuu, ulfaatinni dabaluu, qaamni dutuu fi sammuu keessatti dhiigni dhangala'uu wajjiin hidhata qabu.
Hariiroon hirriba, nyaata madaalawaa fi baakteeriyaa garaachaa gidduu jiru wl-xaxaa waan taheef sichis waan baramuu qabutu jira.
Gorsi qorattoonni kunneen kennan garuu yoo danda'ame torbee keessatti sa'aatii wal-fakkaataatti rafuufi dammaquu dha.
''Sa'aatii wal-fakkaataarra gara siree deemuu, akkasuma yeroo hunda sa'aatii wal-fakkaataarra ka'uu, kunis baakteeriyaa garaa keenyaa fooyyeessuu danda'a,'' jedhan Dr Saaraa Beeriin Kooleejii Kinngs irraa.
ncG1vNJzZmivp6x7o67CZ5qopV%2BWs6KtzaipqKWfpHyivtOimqWdo2SwubHPna1wspulxrA%3D